Русские видео

Сейчас в тренде

Иностранные видео


Скачать с ютуб Hariiroo Gaa'ela Duraa kutaa 2ffaa | Jaalalaa fi Fedhii garaa || Add. Leensaa Guddinaa в хорошем качестве

Hariiroo Gaa'ela Duraa kutaa 2ffaa | Jaalalaa fi Fedhii garaa || Add. Leensaa Guddinaa 9 месяцев назад


Если кнопки скачивания не загрузились НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу страницы.
Спасибо за использование сервиса savevideohd.ru



Hariiroo Gaa'ela Duraa kutaa 2ffaa | Jaalalaa fi Fedhii garaa || Add. Leensaa Guddinaa

🛑 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship) Kutaa 2ffaa Aadde Leensaa Guddinaatiin Seensa 👉Akkuma barumsa keenya kutaa 1ffaa irratti hubanne, namni osoo walii isaa faana hariiroo hin jalqabin dura dhuunfaatti Waaqayyo wajjin hariiroo qaba ture. Kunis boca (design) Waaqayyooti. 👉Kanaafis namni hariiroo fi turtii Waaqayyo wajjin qabu kanarraa kan ka'e, amala Waaqayyoo fudhachaa deema. ⭕️Ofii amalli Waaqayyoo (God's character) namni irraa dhaalaa deemuu qabu kun maali? 1️⃣Jaalala 💗 Akka jecha kana karaa malee hiikamee, karaa malee kan hubatamee hin jiru. Yeroo baay'ee hawwa foonii (lust) faana hiikni isaa wal rukutee mul'ata; Fakkeenyaaf seexanni hariiroo saal-qunnamtii(sexual relation) akka hariiroo jaalala(making love) tahetti akka hubatamu godheera. Kanaanis Waaqayyo isa jaalala(1 Yohannis 4:8) tahee arrabsa. Jaalalli in kenna(gifts), kajeellaan foonii garuu in qabata(grasps). — Kajeellaan foonii fedhii ofii isaa qofa waan dhaggeeffatuuf in kajeela (Rom. 1:26-27), dubbiin Waaqayyoo akka jireenya namaa keessatti ija hin godhanneef hudha (Mar. 4:18-19) ⭕️Jaalalaa fi kajeellaa foonii (Love & lust) maaltu wal fakkeessa? ✅Garaa namaa keessa jiraatu. Fak. 4:23 — Lapheen namaaf akkuma mariin konkolaataaf taheeti. Yoo dallaan itti ijaaramee, eegame malee karaa hin taanetti nama oofa. ✅Dhuma namaa murteessu. — Jaalalli gara jireenya barabaraatti, Kajeellaan foonii du'a barabaraatti geessa. ✅Baay'een humna qabeessoodha. — Amala nama dhuunfachuu cimaa qabu. ✅ Lamaansaanii du'atti nama geessu — Jaalalli gara namaaf du'uutti, kajeellaan foonii gara ajjeesutti nama geessu ⭕️Garaagarummaa jaalalaa fi kajeellaa foonii ➡️Jaalalli maddi isaa Waaqayyo biraa yoo ta'u, kajeellaan foonii garuu miira irratti kan hundaa'eedha. ➡️Jaalalli dabarsanii of kennuu, aarsaa baasudha, kajeellaan foonii garuu ofittoodha. ➡️Jaalalli kan barabaraati, kajeellaan foonii garuu ammaa asitti jedha/turtii hin qabu. ➡️ Jaalalli in obsa, Kajeellaan foonii humnaan ukkamsa. ➡️Jaalalli kennaa(potential) ijaara, kajeellaan foonii garuu kennaa(potential) ajjeesa. ➡️Jaalalli araaraan guutuudha, kajeellaan foonii garuu dhiifama hin qabu. Seenaa Macaafa Qulqulluu keessa 💔 2 Sam. 13:2,4,11, 14-15 Amnoon jaalalli hin qabne, kajeella fooniitu qabeeni. Utuu nama angafa tahe dhalate tahe jiru seexanni yaadu isa dhowwee. Amnoon qaroomina yaadu hin dandeenye, akkamitti akka obbolettii isaa xureessu yaada. Innoo mucaa mootii tahe utuu jiru dhukkubsate mana keessa gangalata. 💗 Jaalalli dhugaan Waaqayyo irra baratama. Waaqayyo jaalala isaa kennuudhaan muldhise. Waaqayyo abbaan mucaa isaa nama gaariitti laate miti, diinoota isaatti jechuun cubbama isa Waaqayyo irratti finciluutti laate. Akka kajeella foonii haala mijaata hin barbaadanne. Jaalallis tole jedhee abboomamee. Yoh. 3:16 "Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti*!" Rom. 5:8 Waaqayyo garuu,utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.  Gudunfaa ⚠️Waliigalatti, jaalallii fi kajeellaan foonii (love & lust) wantoota baay'ee waliif faallaa ta'an, garuu bara keenya kana hiikni isaanii wal rukuteedha. Haa ta'u malee, kajeellaan foonii dubbii Waaqayyoo keessattis kan hin deeggaramne yoo ta'u, jaalalli garuu amala Waaqayyooti. Maqaan Waaqayyoo bara baraan haa eebbifamu!🙏🏻. Ameen🙏🏻

Comments