Русские видео

Сейчас в тренде

Иностранные видео


Скачать с ютуб Hariiroo Gaa'elaa | Tooftaalee Seexani ittiin gaa'ela gidduu seenu || Add. Leensaa Guddinaa в хорошем качестве

Hariiroo Gaa'elaa | Tooftaalee Seexani ittiin gaa'ela gidduu seenu || Add. Leensaa Guddinaa 4 месяца назад


Если кнопки скачивания не загрузились НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу страницы.
Спасибо за использование сервиса savevideohd.ru



Hariiroo Gaa'elaa | Tooftaalee Seexani ittiin gaa'ela gidduu seenu || Add. Leensaa Guddinaa

TOOFTAALEE SEEXANNI GAA'ELA GIDDUU GALUUF FAYYADAMU 💍Barumsa Gaa'ela Duraa Kutaa 11ffaa 📆Guraandhala 17, 2024 🎤Aadde Leensaa Guddinaatiin 🛑Seensa Tooftaa lolaa yoo beekne, lola dhufu deebisuu dandeenya. Kana beekuuf gaafilee armaan gadii of gaafachuu dandeenya. 🤔Diinni koo eenyu? 🤔Meeshaa akkamii fayyadama? 🤔Maal faa qaba? 🤔Maal faa hin qabu? 🤔Yeroo kam jaboodha? 🤔Yeroo kam laafoodhaa? ✍️Kanaafuu tooftaalee Seexanni gaa'ela keenya gidduu galuuf fayyadamu beekuun barbaachisaadha. ⭕️Tooftaalee Seexanni gaa'ela gidduu galuuf fayyadamu: 1️⃣Giddu galeessa (wiirtuu) gaa'elichaa goonee akka of ilaallu gochuu 👉Kun tooftaa isaa isa ijoodha. 👉Garuu Waaqayyo gaa'ela gaaf dhaabe ofiisaa giddu galeessa godheetudha. 👉Seexanni Hewwaanin giddu galeessa gochuuf haasaa sana itti haasa'e. 📖Uma. 3:5 "Isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka' jedheen" 📖Dubbiin Waaqayyoo Qol. 1:16-17 irratti akkas jedha; "Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa'anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame. Inni wanta hundumaa dura ture; karaa isaa wanti hundinuu iddoo godhatee in jiraata" ✍️Kanaaf giddu-galeessi waan hundumaa Waaqayyoo dha. ⚠️Seexanni haxxee dha, ofiif giddu galeessa hin ta'u garuu yaada isaa nama keessa kaa'a. Kanaanis nama keessaan ofiisaa giddu galeessa godha. Seexanni maaliif gara namaa yoo dhufu ati Waaqadha namaan jedha? 📖His. 28:2 & Isa. 14:12-14 ➡️Ofiisaatiif iddoo Waaqayyoo of buusuu barbaadee gad darbatame. ⛔️Waaqayyo cubbuu hundumaaf araara qaba; cubbuu of tuulummaa isa bakka Waaqayyoo of kaa'uuf taasifamuuf garuu araara hin qabu. Ulfina isaatti eenyumtuus akka bu'u hin barbaadu. 💡Seexanni yaada namatti fida (fkn. Hewwaan [ija mukichaa akka nyaattuuf], Yesus [yeroo beela'etti dhagaa buddeena godhee akka nyaatuuf]) lole. ❌Yaada Seexanaa ihii👂 jedhanii dhaggeeffachuun balaa hamaa qaba. Yoo dhaggeeffannu yaadasaa nutti naqa, yaadasaa keessa hafuura isaatu jira. ⭕️Uma. 16 (Saaraa fi Seexana) 👉Seexanni Saaraatti maqaan kee haa waamamu yaada jedhu dhiyeessefi. 👉Isheenis maqaashee waamsisuu barbaaddee turte. Abrahaam ammoo yaada ishee fudhate. 😌Saaraan Waaqayyo dhala na dhowwate jette hammeessite 🔺Maqaashee waamsisuu barbaadde 🔺Mataa abbaa manaa ta'uu barbaadde 💞 Haa tahu malee Gaa'elli Saaraa fi Abrahaam gaa'ela Waaqayyo falmee, itti dhimmee dhaabe; moototayyuu ittiin adabee ture dha. Sababni isaas: 💍Gaa'elli isaanii gaa'ela ergama qabuudha (missional marriage) 💍Gaa'eloota jiran hundumaa keessaa filatamaadha 💍Karoora barabaraa ittiin raawwachuudhaaf dhaabe ☝🏻Kaayyoon gaa'elaa inni guddaan karoora Waaqayyoo isa barabaraa raawwachuudhaaf dha. 👵🏻Saaraan dadhabbii Waaqayyoo isa barabaraa booressite. Kunis yaada Seexanaa sana dhaga'uu isheetiini. 👉Saaraan erga yaada ishee Seexanaaf laattee maaltu ta'e? 💔Gaa'elli in boora'e 💔Gammachuun hafee wal hammeessuun dhufe 💔Waaqayyo wajjin dudubbachuun Abrahaam hafee wal falmii mana keessatti baay'ate. ⭕️Seexanni warra hariiroo gaa'ela duraa keessa jiran (warra wal hin fuudhin) irratti akkamitti hojjeta? 1️⃣Barumsa gaa'elaa irratti dhimma dhabsiisa 😩Warra baratan nuffisiisa; dhimmas dhabsiisee jibbisiisa. 💒Waldaa Kiristaanaas hojii kanarratti akka hin xiyyeefanne godha. ❗️Kiristaanni barumsa gaa'elaa osoo hin baratin wal fuudhuu hin qabu! 2️⃣Of bohaarsuu (entertainment) irratti akka xiyyeeffatu godha (1Sam. 13 Amnoon fi Taamaar) 😁 Yeroo ammaa hawaasni jiru maaltu na gammachiisa, maaltu na kolfisiisa gaaffii jedhu irratti xiyyeefatu dha. ❗️Bashanana ammaa garasitti miidhaa fi bu'aa inni qabate dhufu dursanii shallaguun barbaachisa dha. 3️⃣Hiika cidhaa fi gaa'elaa wal rukuchiisuu (cidhi giddu galeessa ta'uu) 😇Waaqayyo gaa'ela in eebbise, namni (foon qabeessi) ammoo cidha uummate. Cidhi fi gaa'ela tokko miti. Waaqayyo giddu galeessa gaa'ela keenyaa haa ta'u!🤲🏻

Comments