Русские видео

Сейчас в тренде

Иностранные видео


Скачать с ютуб Hariiroo Gaa'elaa Kutaa 9ffaa | Humnoota Gaa'ela Irratti Dorgoman || Add. Leensaa Guddinaa в хорошем качестве

Hariiroo Gaa'elaa Kutaa 9ffaa | Humnoota Gaa'ela Irratti Dorgoman || Add. Leensaa Guddinaa 7 месяцев назад


Если кнопки скачивания не загрузились НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу страницы.
Спасибо за использование сервиса savevideohd.ru



Hariiroo Gaa'elaa Kutaa 9ffaa | Humnoota Gaa'ela Irratti Dorgoman || Add. Leensaa Guddinaa

⭕️Gaa’ela Kiristiyaanaaf ilaalcha Waaqayyo qabuu fi Seexanni qabu Seensa 👉Macaafni Qulqulluun gaa’elaan jalqabee gaa’elaan xumurama. 👉Seera Uumamaa irratti gaa’ela Addaam fi Hewwaan’tu barreefame, Mul’atni Yohannis irratti immoo gaa’ela Hoolichaa fi waldaa Kristiyaanaa galmeefame. 👉Kunis Waaqayyo gaa'elaaf xiyyeeffannaa guddaa qabaachuu isaa argisiisa. Seexannis akkasuma gaa’ela irratti in xiyyeefata. Waaqayyo gaa'ela ijaaruu barbaada, seexanni garuu fedhiinsaa diiguu dha. 👉Amalli Waaqayyo fi amalli seexanas adda adda dha. Waaqayyo filannoo laata, Seexanni garuu in dirqisiisa. 🤷‍♂️Eegaan filannoo jireenyas yoo tahe, kan du'a filachuuf kan mirga qabu nama dha. Luqqisii ijoo Seera Keessa Deebii 31:19-20 “Ani har'a jireenyaa fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa'ee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo'adhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhaga'aa! Isattis maxxanaa! Inni jireenya keessan waan ta'eef, biyya inni abboota keessan Abrahaamii fi Yisihaqiif Yaaqoobiifis kennuudhaaf abdachiise keessatti bara dheeraa isiniif in kenna” jedhe. ⭕️Gaa’ela Kristiyaana jechuun maalii? 1️⃣Gaa'ela Waaqayyo akka ajaayibsiisaatti dhaabe dha. 💍Lamatu tokko ta'e. 💍Bifa sadan tokkummaa calaqqisiisuun uume. 💍Walitti ida'amuuf jaalala barbaachisa. 💍Gaa'elli iddoo buufata jaalala Waaqayyooti. Iddoo miidhaginaati. 2️⃣Tokkummaa Waaqayyo eebbisee dha. Eebbi kan jalqabee gaa'ela keessatti dha. 3️⃣Horuu fi baay’achuun kan itti raawwatu iddoo tokkicha dha. Ciisicha gaa'elaa qofaatu qullaa'a dha. 4️⃣Bakka itti tokkummaadhaan hojjetamu dha. Waaqayyo waaqa hojiiti. Hojiin iddoo dhaaba Eden babbareechus Addaami fi Hewwaanif laatame. Bifaa fi fakkeenya Waaqayyoo keessaa tokko hojii dha. Akka 2 Tas 3:10 dubbatutti kan hojii hojjechuu hin barbaanne akka hin nyaanne gorsa. Dhibaa'ummaan bifa seexanaati. Seexanni dhibaa'ummaa namatti naqa malee ofii isaaf hojiitti qabamaa dha. 5️⃣Cidha Hoolichaa fi waldaa Kristiyaanaa kan calaqqisiisu dha. 6️⃣Waltajjii Waaqayyo irra dhaabbate hojjetu dha. 7️⃣Iddoo itti Waaqayyo yeroo jalqabaaf namaan waaqefamu dha. Akkasumas itti fufiinsaan iddoo itti waaqefamuuf jaallate dha. ⭕️Yaadni Waaqayyo gaa’ela irratti qabu kun maaliif fiixan bahu didee? 👉Namni filannoon dogogora filachuu isaati. Sababni isaas namni yaada Waaqayyo dhaga'u irra isa yaada Waaqayyon mormu seexana dhaga'u filate. Isa kanaaf kan haala mijeesse immoo erga cubbuun biyya lafaatti gale kaasee garaan namaa jal'inatti dhufuu isaati. Seexanni jalqabumaa kaasee gaa'elaan mormaa tureera. ⭕️Maaliif Seexanni akka namni irratti finciluu godhe? 1️⃣Iddoo Seexanni dur ture Waaqayyo dhala namaaf dabarsee waan kenneef dha. His 28:12 2️⃣Namni oyiruu Waaqayyo keessa ture. His 28:13 3️⃣Waaqayyo nama uumee jannatas keessa kaahu isaati. 4️⃣Seexanni kana dura maqaansaa Luusifar; hiikni isaas Ifa jechuu dha. Inni ergama ifaa kan mudaa kan hin qabne ture. 2 Qor 11:14 Yoo ammaa ergama ifaa tahu dadhabe illee, ergamaa ifaa of fakkeessun itti hin ulfaatu. 5️⃣Namni mudaa malee bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumame(Uma 1:26 ilaali). Inni kun Seexana baay’ee hinaafsise. 6️⃣Waaqayyo Addaamiin ogummaa fi dandeettii addaa wajjin isa uume. Waaqayyo utuu humnaa laate hin aangeessin hojiitti nama hin bobaasu. Waaqayyo Addaamif humna kana laate waamicha isaaf gahaa waan taasiseef inni kun akka Seexanni  itti hinaafe irratti kahu taasiseera. 🛑Yaadni Seexanni gaa’ela irratti qabu maalii dha? 1️⃣Namaa fi seexanatu walii galee bakka itti Waaqayyo irratti fincilamu gochuu dha. Mareen gaa’ela keessatti tahu baay’ee of eegganno barbaachisa. 2️⃣Bifa fi fakkeenyi seexana bakka itti calaqqisu tahe. Inni kunis wal qoodu, finciluu, wal hammeessu dha. Gaafa Seexanni Addaam fi Hewwaan gidduu gale wal hammeessuu jalqaban 3️⃣Dirree abaarsa gochuu dha. Bakka Waaqayyo eebbisee sababii abboomamu diduu bakka abaarsa taasisee(Uma 3:14-19 ilaali). 4️⃣Waltajjii Seexanni hojii isaa irratti hojjetu ta’e. 5️⃣Caasaan gaa’ela in jijjiramee. Dhiira tokko fi durba tokko irra gara durba lama fuudhutti cee’ame. Laamek dubartoota Aadaa fi Xiilaa jedhaman isinin jaalladha jedhe fuudhe. Haa tahu malee inni kun jaalala miti kajeela fooniiti malee(Uma 4:19-24 ilaali). 6️⃣Giddu galeessi gaa’ela Waaqayyo tahuunsa ni hafee, qooda isaa abbaa mana, haadha mana, ijoollee, qabeenya, hojiifatu giddu galeessa ta’e.       Gudunfaa  Gaa’elli yaada Waaqayyooti. Sababii namni filannoo dogogora filateef gaa’elli bakka itti yaadni Waaqayyo raawwatu tahuunsa hafee, bakka itti yaadni Seexana raawwatu tahe. Kunis eebbi Waaqayyo akka abaarsatti jijjiramu taasise. Caasaa gaa’elas diigame, giddu galeessi gaa’elaas waan biraa ta’e. Jalqaba irratti garuu giddu galeessi Waaqayyoon ture.

Comments