Русские видео

Сейчас в тренде

Иностранные видео


Скачать с ютуб Bilillee | Andualem Gosa | New Oromo Music Video 2024 в хорошем качестве

Bilillee | Andualem Gosa | New Oromo Music Video 2024 4 месяца назад


Если кнопки скачивания не загрузились НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу страницы.
Спасибо за использование сервиса savevideohd.ru



Bilillee | Andualem Gosa | New Oromo Music Video 2024

Andualem Gosaa Walaloo: Lalisaa Indiris Adam Yeedaloo: Andualem Gosaa, Takkaaleny Tasfaa fi Uummataa Composer: Simagegnehu Samuel ( Sime_Dita ) Mastering: Abagaz Live instrument: Sax - Zeriye Bass - Lwam Mehari Guitar - Bereket Tesfazgi Mesinko - Chapi Director -Zemen Eshetu (zuzu) Art Director- Daniel Eshetu Production manager - Sura Shiferaw Production design -Samuel Dibisa (Sami Hop) Choreographer: Alamayo Dabi Model: Firans Girma Driver: Firezar Shiferaw Cinematographer: Ephrem Tsegaye Costume: KOKI DESIGN Makeup: YERON HABTAMU Choir: Ramadan Chimessa & Alima Abdela BILILLEE: Shaggarii ulaan shan banaadha, banaadha Essarraan ba'een si barbaada, barbaada Faana kee arguun na dhamaase, dhamaase Karri baayyachuun na qormaate, qormaate Bareedduu qalloo masaakulaa Kolfituun naatoo nyaara kuula Milluu tokkichatiin na laaltee Budaa jaalalaatu na nyaate Hiriyaa gaafannaan maqaashee Badhaadha naan jette abbaanshee ..... Magaallinashee Hidhannoo jaalalaa guuttattee Qalbii too boojitee gugatte ..... Magaalinashee Biliille - mormi bilillee taakkuu guuta safarrisaa                          Qalbi fuudha bareednisaa Akkuma addeessa, Dukkana keessa, ijisheetu ifa-biifaa                                 Jaalalatu irraa tiifa Namnillee - Namni tokkollee, miirakoo naaf hin hubannee Olmaashees natti hin dubbannee Salaalee keessaa, barraakkoo keessaa mogormoo bachoon ofgeessa                  Jaalaltoo lafa naannessaa Boora fardakoon          Galaa hidheen faanakee dhahaa          Kutee kuyyuufi Qarree Gohaa Koo Galaan dhume           Asan jira kottu naan jedhi           Dagamirraan gara kee loha Yaa magaala koo               Darroo bu'uu bu'e dhuuguumaa               Ijatu siyyuu hin agarreef malee Dimbilaala koo            Si yaadullee, du'e dhugumaa            Iyyat' tulluu hin dabarreef malee   Mucayyoo qalloo, warra kuraa jiddaa, Mullaadhu maaloo, jaalala maa didda Mutuluu Rayyaa ,ayyaana abbaa keetii Nu tulluu yaayyaa, warra gullalleeti Hariiro dhaqee qe'ee warra Jaarsoo Jaarsan ergadha natti himimee teesso Adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaa, an dhabee ijaaf, way magaallee tiyyaa! Mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaa kottaa na gargaara, barbaadumashee ..... Barbaaduma ishee Kanshee mallattoonii, miidhagdudha adda,  jaalalaa biftishee, tumaadha irgishee ..... Barbaaduma ishee Boontudha koortudha, akkuma abbasheeti, nyaararra jabaattii, migira mudhiinii ..... Barbaaduma ishee Wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartu, argitan ni bartu, burree shinshinniini ..... Barbaaduma ishee Kottee farda kooti,     Yaadaan kutee darbee        ija keen barbaada - shaggee Ayyaanomee utuuman argee Maaloo naaf owwaadhu Jiruuf suman gaada Lubbuufan si yaada - shaggee Shaggee tiyya maaloo shagge Arganii dhabuuni, akka dhukkubaati, gaabbi nama kaa'a, waliin nama dha'aa ...barbaadumashee.... Barbaadamuu barte, riphxe narra hin dheessin, jooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta'aa ......barbaadumashee........ Kankoo si godhachuuf, ofitti murteesse, karra banaa dhiise, ergan ba'ee takkaa ......barbaadumashee........ Milli na qallattus, si argachuun murtoodha, of duuban milladhu, gara abbeetiin dhaqa ......barbaadumashee...... Hambaa dhibaayyuu burqaa torban ashee Hin jiru waayyuu, ejjetni faana kee Xiixaa moo ekkaa, kamiin ol yaabbadhu Fixan waabeekaa, eenyu si gaafadhu Dhibee jaalalaa, iji ilaalee hin argu An siif dhibame, bara dhufee darbu Nyamariin gama, yoo darbes gamasuu Nat hiimi nan dhufa an fayyee garasuu

Comments