Русские видео

Сейчас в тренде

Иностранные видео


Скачать с ютуб Buna baayyinaafi qulqullinaan oomishuun bu’aa damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetama в хорошем качестве

Buna baayyinaafi qulqullinaan oomishuun bu’aa damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetama 7 часов назад


Если кнопки скачивания не загрузились НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу страницы.
Спасибо за использование сервиса savevideohd.ru



Buna baayyinaafi qulqullinaan oomishuun bu’aa damee kanarraa argamu guddisuuf hojjetama

Bu’aa biyyattiin misooma bunaarraa argattu guddisuuf seektaraaleefi qooda fudhattoonni bunarratti sona dabaluun gabaaf dhiheessuu akka qaban, Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad dhaaman. OBN Cyber Media Fulbaana 30,2017-OBN Cyber Media Fulbaana 30,2017- Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaas qaamolee milkaa'ina hojichaaf tumsaniifi raawwii olaanaa galmeessisaniif sagantaa beekamtii kennuu bakka Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad argamanitti Godambaa Saayinsiitti qopheesseera. Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad hojiin inisheetiivii ashaaraa magariisaa kaayyoo misooma bunaa babal'isuu of keessaa qabaachuu ibsuun Itiyoophiyaan waggoota 5'n dura buna toonii kuma 500 qofa misoomsaa kan turte yeroo amma toonii miiliyoona 1 misoomsuu dandeesseetti jedhan. Waggoota sadan dhufanittis amma oomishaa dabaluun oomisha toonii miiliyoona 1.5 misoomsuuf karoorfamuu himan. Bunni kunuunsa waan barbaaduuf qonnaan bultootni amma oomishaa dabaluuf dhamaa'anii hojjechuu al ergitootnis fayyadamummaa qonnaan bultootaa dabalaa akkaataa lafa xiqqoorraa oomisha baay'een argamuu danda'amurratti qonnaan bultoota deggeruu akka qaban himan. Sekteraaleen qooda fudhattootaa bunarratti sona dabaluun galii biyyattiin damee kanarraa argattu guddisuufi oomisha yeroon gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban dhaaman. Qooda fudhattoota damee kanaa badhaasaa fi beekamtiin kennameef galateeffatanii milkaa'ina caaluuf hojjechuu qabuu himan. Sagantaa kanarrattis ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabalatee Af yaa'ii mana maree Federeeshinii, Obbo Ageenyaw Tashaagar, Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa,ministira qonnaa Dr.Girmaa Amantee,Daayirektera olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaa Dr.Addunyaa Dabalaa, ministirota, alergitoota, dhiheessitoota,oomishtootaa fi qonnaan bultootni argamaniiru. Lalii Girmaatu gabaase.

Comments